Finfinneetti sararri geejibaa mootora maleeyyii kiilo meetirri 100 diriirfamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Finfinneetti sararri geejibaa mootora maleeyyii kiilo meetirri 100 diriirfamuufi.
 
Eejansiin Maanaajimantii Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee akka beeksisetti, waggoottan kurnan itti aananitti sararri geejibaa mootora maleeyyii kiilo meetira 100 uwwisu ijaarramuufi.
 
Sararri geejibichaa diinagdee, fayyaa fi sochii geejibaa mijataa taasisuuf gargaara jedhameera.
 
Kanaan dura proojaktichi abbaa dhabuu fi raawwiirratti rakkoon mudachuudhan harkifateera.
 
Itti aanaan daayreektara olaanaa eejansichaa Injiinar Sammaraa Jilaaluun, Dilbataa kaasee tajajailli biskileetii mootora maleeyyii Jammoodhaa amma Labuutti hojiirra ni oola jedhan.
 
Tajajailichi Tullu Diimtuu – Qaallittii, Haaylee Gaarmant – Jammoos dhiyeenya ni eegala.
 
Jiraattota magaalaa Finfinnee keessaa %54 lafoodha. %31 tajajaila geejibaa ummataa, %15 ammoo konkolaattota manaa fayyadamu.
Comments (0)
Add Comment