Finfinneetti sagantaan Afxiira daandiirraa marsaa 3ffaan Sanbata gaggeeffama

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015 (FBC) – Finfinneetti sagantaan Afxira daandiirraa marsaa 3ffaan Sanbata Bitootessa 30, 2015 akka gaggeeffamu ibsame.

Sagantichi “Afxira keenya lammiilee keenyaaf” mata duree jedhuun Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti akka gaggeeffamu eerameera.

Raamadaanni baatii waliin jireenyaa, waldeeggarsaa akkasumas waliif oo’uu akka ta’ee, guyyichatti lammiilee hinqabneef deeggarsi walitti qabama jedhameera.

Sirna Afxirichaarratti hawaasni musiliimaa manatti kan qopheeffatee qabatee argamuun hariiroo obbolummaa akka cimsan waamichi dhiyaateera,

Sagantichas Manni Maree Dhimmootaa Islaamummaa fi Dhaabbataa Tola Ooltummaa Najaashii waliin ta’uun kan gaggeessuudha jedhameera.

Milkaa’ina sagantichaaf dargaggoonni tola ooltonni kuma 4 ol ni hirmaatu jedhameera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment