Finfinneetti sababa kamiiniyyuu richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti sababa kamiiniyyuu richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu Komishiinin Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen qophiilee adda addaa sababeeffachuun richiitii dhukaasaa jiraataniis, haala naagenyaa biyyaatti amma keessaa jirtuun sababa kamiiniyyuu richiitii dhukaasuun akka hin danda’amne ibsameera.
Komishiinichi hojii olaantuummaa seeraa kabachiisuu cimsee itti fufeera.
Hawaasnis hojii komishiinichaaf deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachu ibseera.
Ergicha darbuun namni dhunfaa richiitii dhukaasee argamee seeraan akka itti gaafatamuu komishiinichi yaadachiseera.
Komishiniin poolisiin magaalaa Finfinnee hawaasni hojii seeraa kabachiisuuf hojjatama jiru deeggarsa taasiseef galateeffachuun tumsicha cimsee akka itti fufuus waamicha dhiyeessera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
Comments (0)
Add Comment