Finfinneetti raawwii galii olaanaa dhaabbilee galmeessaniif beekamtiin kenname

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee Adoolessa darbee raawwii galii olaanaa qaamolee galmeessaniif sagantaa beekkamtii fi badhaasaa gaggeesseera.

Saganticharratti, Hogganaan Biiroo Galiiwwanii Obbo Mulugeetaa Tafarraa, dhaabbatichi baatii jalqabaa bara baajataa 2015 Birrii biiliyoonaa 8.3 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni 8.9 yookaan %107.6 walitti qabamuu ibsan.

Kunis kan bara baajataa darbeen yoo madaalamu Birrii biiliyoona 2.3 yookaan %35.5 caalmaa akka qabu ibsan.

Galii walitti qabuuf galma qabame milkeessuu keessatti qaamolee gahee isanii bahataniif sagantichi kan qophaa’e ta’uu eeranii, sagantaaleen onnachiistuu fi beekkamtii haala walfakkaataan kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment