Finfinneetti proojaktiin lammiilee miiliyoona 1.2 vaayrasii koroonaarraa ittisuu danda’u ifoome

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti proojaktiin lammiilee miiliyoona 1.2 weerara vaayrasii koroonaarraa ittisuu danda’u ifoome.
 
Proojaktichi dhaabbilee Roohaa fi Daalbarg Giruupitu dhaabbilee deeggarsaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa, akkasumas dhaabbilee dhuunfaa waliin qindaa’uun ifoomse.
 
Proojaktichaaf moggaasni “Fayyaan keenya harka keenyarra” jedhu kennameefira.
 
Proojaktichas sadarkaa itti aanaa kantiibaatti qindeessaan dhaabbilee kenna tajaajila mootummaa Injiinar Indaawwaq Abbitee fi daayreektarri Roohaa Afrikaa Walalaa Haaylasillaaseen jalqabsiisaniiru.
 
Hojichaan lammiilee miiliyoonni 1.2 ta’an deeggarsa meeshaalee qulqullinaa ni argatu.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment