Finfinneetti namoonni sanadoota sobaa qopheessan 13 to’ataman

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfaa sanadootaafi ragaalee sobaa qopheessaa turan 13 to’atamuu Poolisiin Magaalichaa ibse.

Namoota kanneen keessaa 7 Kutaa Magaalaa Qiirqoositti hojjettoota galmeessa ragaalee bu’uuraa yoo ta’an 6 ammoo Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti mana jireenya isaanii keessatti sanadootaafi ragaalee seeraan alaa osoo qopheessanii to’annoo jala ooluu eerameera.

Sakattoo qaamoleen nageenyaa taasisaniin chaappaawwan dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa garaagaraa fakkeeffamanii hojjetaman 81 ta’an to’atamuus ibsameera.

Namoonni kunneen sanadootaafi ragaalee sobaa osoo qopheessanii harkaaf harkatti qabamuu Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayrektarri yakkoota Malaammaltummaafi galiiwwan addaa addaa Koomaandar Darribee Gadaa ibsaniiru.

Qaamoleen kunneen ragaalee seeraan alaa lootee seentota garee shororkeessaa ABUT’f qopheessuun nageenya booressuuf yaalii taasisaa turuu eeraniiru.

Yeroo ammaa galmeessi ragaalee magaalichaa tajaajila kennaa kan hin jirre ta’uu yaadachiisuun, namoonni dhuunfaa kunneen faallaa isaa sanadootaafi ragaalee seeraan alaa qopheessaa turuu kaasaniiru.

Namoonni kunneen waraqaa eenyummaa tokkotti Birri kuma 10 fudhachaa akka turaniifi mana nama yakkichaan shakkame tokko keessaa Birriin kumni dhibbi 2 fi kumni 62 fi 840 to’atamuu himuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment