Finfinneetti manneen waliin jireenyaa kumni 26 ol ijaarramuufi

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)-Eejansiin Ijaarsaa fi Dizaaynii bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara baajata 2013tti manneen waliin jireenyaa kuma 26 ol ijaaruuf qophii ta’uu beeksise.

Eejansichi hojiiwwan karoora bara baajatichaan qabatee ilaalchisuun hojjettoota dhaabbata isaa waliin mari’ateera.

Daayreektarri olaanaan Eejansicha obbo Teediroos Ayyaaleew akka ibsaniitti, eejansichi bara baajatichaatti manneen waliin jireenyaa kuma 26 fi 80 diizaaynii guutuu fi qulqullina isaa eeggateen  ijaaruuf qophii ta’u beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment