Finfinneetti lammiilee Kuma 291’f carraan hojii umameera-Aadde Adaanech

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Bara bajataa 2016 Magaalaa Finfinneetti lammilee kuma 291 oliif carraan hojii uumamuu Kantiibaan Magaalattii Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee byaa’ii idilee 4ffaa gaggeessaa jirurrattii Aadde Adaanech gabaasaa raawwii bara baajatichaa dhiyeessaaniin, dameelee hojii adda addaarratti lammilee kuma 300 oliif carraa hojii uumuuf karoorfamee, lammiilee kuma 291 fi 577’f carraa hojii dhaabbiin uumamuu ibsan.

Magaalichaatti hirmaannaan dubartoota gama hundaan dabalaa jirachuu himaniiru.

Keessumaa carraa hojii uumamu keessaattis qoodni dubartootaa %51 akka ta’e himaniiru.

Dabalataan intarpiraayizoota dhuunfaa kuma 7 fi 539 fayyadamtoota liqii Birrii biiliyoona 2.5 ta’uu himuu TOI gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment