Finfinneetti kutaaleen hawaasaa leenjii sagantaa Seeftineetii fudhachaa turan eebbifaman

Finfinneetti kutaaleen hawaasaa leenjii sagantaa Seeftineetii fudhachaa turan eebbifaman, Mudde 27, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti kutaaleen hawaasaa galii gadaanaa qaban leenjii sagantaa Seeftineetii fudhachaa turan eebbifamaniiru.

Leenjiin sagantaa Seeftineetii kutaalee kanneen eeggattummaarraa gara oomishtummaatti jijjiiruuf kennamaa ture xumuramuun har’a bakka Kaantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen argamanitti sirni eebbaa gaggeeffameera.

Hiyyummaan yeroo dheeraaf eeggattummaaf nu saaxilus hojii hojjetameen biyya keenya jijjiiruu dandeenyerra jedhan Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Ammas caalmaatti cimnee hojjechuun jijjiirama caaluu fiduu qabna jedhan.

Yeroo itti aanu lammiilee kuma 54 oliif leenjiin kun kan kennamu ta’uu eeraniiru.

Sammaahaanyi Nigaatuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment