Finfinneetti itti quufinsi tajaajilamaa kan ittiin ilaalamu sirni madaallii akka diriiru ibsame

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) –Finfinneetti itti quufinsi tajaajilamaa kan ittiin ilaalamu sirni madaallii akka diriiru ibsame.
 
Itti quufinsi tajaajilamaa kan ittiin ilaalamu sirni madaallii akka diriiru Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee himan.
 
Aadde Adaanach Abeebee hojjettoota mootummaa magaalichatti argamaniif qajeelfama hojii laataniiru.
 
Kanaanis, bu’aa madaalli tajaajilamaan laatu hojjetaa badhaafamaa fi itti gaafatamaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
 
Hojjettoonni mootummaa fedhiiwwan guutamuu qaban hanga danda’ametti guutuun hojjechuu akka qaban mirkaneessaniiru.
 
Sirna kenninsa tajaajila ammayyaa’a hordofuun, dhaabbilee siyaasa kamirraayyu bilisa ta’uu fi tajaajilamtonni hojjettoota isaan tajaajilan waliin ta’uun galma akka ga’amuu eeraniiru.
 
Gama biraan paabilik sarviisii magaalichaa fi Biiroon Ijaarsa Qabeenya Humna Namaan marsaa 4ffaaf hojjettoota kuma 1 fi 400 ol ta’aniif leenjiin kennamaa ture xumuramuu beekameera jechuun Hayleyesuus Siyumtu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment