Finfinneetti hojii ittisa yakkaa hojjetameen yakki ciccimoon %31 hir’iseera-KPMF

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)-Hojii ittisa yakka poolisiin hojjeteen yakkoonni ciccimoo jireenya idilee hawaasarratti dhiibbaa uumaa turan %31 hir’isuu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee ibse.

Komishinarri Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu ibsa miidiyaaleef kennaniin, bara baajataa 2016’tti yakka ittisuu, nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu fi dandeettii dhaabbatummaa cimsuuf hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsan.

Kana malees hawaasni poolisii walin qindaa’uun shira farreen nageenyaa fashaleessuu fi yakka ittisuun hojii bu’aqabeessi hojjetameera jedhan.

Gama yakka ittisuun Tajaajilaa Poolisii Hawaasaan qaamolee yakka salphaa hanga cimaa raawwatan to’achuun itti gaafatamtoota taasisuu hojjetamuu ibsaniiru.

Bara baajatichaattis tarkaanfiilee fudhatamaniin yakka cimaa qaamolee rawwatan kuma 7 fi 405 akkasumaas qaamolee yakka salphaa raawwataan kuma 25 ol harkaa fi harkatti to’atamuu ibsaniiru.

Hojii ittisa yakkaa hojjetameen yakkoonni ciccimoo jireenya idilee hawaasaarratti dhiibbaa uumaa turan %31 hir’isuun akka danda’ame ibsaniiru.

Dabalataan hoggantootaa fi miseensota poolisii naamusa cabsan hedduurratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu eeraniiru.

Fuuldurattis karaa gurmaa’een yakkootaa fi gochaalee shororkeessummaa raawwataman ittisuu fi fashaleessuuf ergama raawwatu ciminaan kan itti fufu ta’uu akeekuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment