Finfinneetti hoggantoota fi hojjeettoota kuma 12 ol irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti hoggantootaa fi hojettootaa hojmaataa badaa raawwatan kuma 12’rratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu Biiroon Paabilik Sarvisii fi Qabeenya Humna Namaa beeksise.

Biirichi kenniisa tajaajilaa dhaabbatummaa irratti tajaajilamtootaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Marichaan dhaabbilee rakkoo bulchiinsa garii qaban keesaa Abbaa Taayitaa Kabachiisaa Dambii, Biiroo Haqaa, Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa, Bulchiinsaa Bittaa fi Qabeenyaa fi Bulchiinsi Lafaa adda duree ta’uun eerameera.

Hogganaan Biirichaa Obbo Efreem Gizaawu akka jedhanitti rakkoolee kenniisa tajaajilaa dhaabbileerratti mul’atan furuuf tattaaffiin taasifamaa tureera.

Eeruu hawaasni kennu bu’uureffachuun itti gaafatama isaanii sirnaan bahachuurraa hoggantootaa fi hojjettoota hojmaata badaarratti hirmaataan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatameera jedhan.

Daayrektarri Misoomaa Qabeenya Humna Namaa Biirichaa Obbo Yohaannis Abbabaa, baatiiwwan saglan darban dhaabbilee 46 keessatti hojjettootaa fi hoggantoota aanaarraa hanga giddugaleessa, malaanmaltummaa dabalatee hojaamaata badaarratti bobba’an kuma 12 fi 500 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Tarkaanfiin fudhatames akeekkachiisaa hanga hojiirraa gaggeessuu ta’uu eeruun, kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa kumni 1 fi 490 aanaarraa, kumni 10 fi 43 kutaa magaalaarraa akkasumas kumni 1 fi 54 giddugaleessarraa ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment