Finfinneetti har’a Awutoobisoonni haaraan 67 hojii eegalan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhiyeessa tajaajila Geejjibaa ummataa Fooyyessuuf har’a Awutoobisoonni dabalataa 67 hojii eegaluu ibsameera.

Konkolaattoonni kunneen sararawaan tajaajilamtoonni itti heddumatanitti kan ramadaman ta’uu ibsameera.

Konkolaattoonni haaraan kunneen har’aa eegalanii guutummaan sarara bobbii kan eegalan ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaan Magaalaa Finfinneerraa argamu.

Awutoobisoota har’a hojii eegalan dabalatee deeggarsa Baankii Addunyaarraa argameen Awutoobisoota 177 fi Baajata mootummaan 200, waliigala Awutoobisoonni haaraan 377 gara hojiitti galuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment