Finfinneetti guyyaa har’aa lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 23f deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti guyyaa Tola ooltummaa sababeeffachuun lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 23f deeggarsi taasiifamuu Kantibaan magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.
Lammiilee deeggarsa barbaadan kuma dhibba 1 fi kuma 23f deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 65 olii taasiifamuu eerameera.
Akkuma yeroo hunda jennu meeshaalee ummataaf qooduu qofa osoo hin taane, jaalala, waliif yaaduu, tokkummaa fi tokko tokkoof utubaa ta’uu fi gaarummaa waliif qabnu muul’isuudha jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment