Finfinneetti galmeen waliigaltee seera qabeessaa kireessaa fi kireeffataa Waxabajjii 1 eegala

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Finfinneetti galmeen waliigaltee seera qabeessaa kireessaa fi kireeffataa Waxabajjii 1, 2016 kan eegalu ta’uu Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma Manneenii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Labsiin bulchiinsaa fi to’annoo manneen kiraa rakkoo mana kiraa biyyattiitti mul’atu furuuf akkasumas daballii gatii haqa qabeessa hintaane jireenya hawaasaa fi diinagdee waliigalaa biyyattiirratti dhiibbaa uumu tilmaama keessa galchuun qophaa’ee ragga’uun kan yaadatamuudha.

Biiroon Bulchiinsaa fi Misoomaa Manneenii Magaalaa Finfinnee, qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin barbaachisummaa labsichaarratti mari’ateera.

Hoggantuun Biirichaa Qiddist Waldagiyoorgis bulchiinsi magaalichaa labsicha qajeelfamaan utubuun hojiitti galchuuf qophiin xumuramuu himan.

Haaluma kanaan Waxabajjii 1-30, 2016’tti kireessitoonni dhuunfaa magaalattiitti argaman kireeffattoota waliin waliigaltee seera qabeessaa dhiyeessuun galmeessuu akka danda’an dubbataniiru.

Galmichaafis humna namaa fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisan gama gurmeessuun haaldureen barbaachisaan taasifamuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment