Finfinneetti dubartoonni %60 fayyadamtoota pirojektii shaakala hojiirraa ta’u-Obbo Jaanxiraar

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dubartoonni dargaggootaa %60 fayyadamtoota pirojektii shaakala hojiirraa akka ta’an Itti Aanaa Kantiibaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii fi Intarpiraayizii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay himan.

Obbo Jaanxiraar ibsa kennaaniin, pirojektichaan dubartoonni %60 fayyadamtoota akka ta’anii fi marsaa jalqabaan aanaalee filaman 36 keessa dargagoota kuma 10 fi 500 fayyadamtoota taasisuuf qophiin duraa gaggeeffamuu eeruuniiru.

Hanga ammaattis aanaalee 36’n keessaa dargaggoonni kuma 27 fi 297 galmaa’uu ibsan.

Dargaggoonni marsaa jalqabaan fayyadamtoota ta’an Hagayyaa 18, 2014rraa eegalee dhaabbilee Barnootaa Leenjii Teekinikaa fi Ogummaatti leenjii fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dargaggoota kanneen leenjisuu kan danda’an dhaabbileen kuma 1 fi 505 adda ba’uu fi 378’f leenjiin leenjistootaa kennamuu, ragaan Biiroo Misooma Indastirii fi Intarpiraayiziirraa argame ni mul’isa.

Dargaggoonni kunneen leenjiin booda dhaabbilee garaagaraatti baatiiwwan ja’aaf shaakala hojiirraa ni taasisu jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment