Finfinneetti dhaabbileen daldalaa kuma 21 Saamsaman

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Finfinneetti dhaabbileen daldalaa sirna daldalaa hineegne kuma 21 akka Saamsamuu, oomishaaleen isaanii gabaarraa walitti qabamuu fi tarkaanfiileen biroon fudhatamuu Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibse.

Daayrektarri Kominikeeshinii Biirichaa Sawunnat Ayyalaan akka ibsanitti, bara baajataa xumurametti dhaabbilee daldalaa kuma 400 Magaalattiitti argamanirratti to’annoo fi hordoffiin taasifameera.

Haaluma kanaan sirna daldalaa kanneen hineegne dhaabbilee daldalaa kuma 50 ol irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu dubbataniiru.

Kanneen keessaa dhaabbileen kuma 21 akka saamsaman, oomishaleen isaanii gabaarraa akka walitti qabamuu fi tarkaanfileen biroon irratti fudhtamuu hubachiisaniiru.

Eeyyamaa malee daldaluu fi haaromsa taasisuu dhabuu, oomishaalee daldalaaf dhiyaataan qulqullina kan hinqabne ta’uu, ibsa gatii oomishaalee ifatti maxxansuu dhabuun seerota dhaabbileen kunneen darbanii argaman ta’uun eerameera.

Kana malees, magaalattiitti hawaasa daldalaa sirnaa fi seera daldalaa eege horachuuf hojiin hubannoo uumuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment