Finfinneetti daandilee irraa imaluu dhorkaman irra konolaattota imalan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)-Finfinneetti daandilee irra imaluun dhorkaman irra dhorkii kaa’ame cabsuun konkolaattota imalan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Abbaan Taayitaa Maanaajimantii Tiraafikaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Tibbana Daandiin Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee hanga Paarlaamaatti doqdoqqeewwanii fi konkolaattota fe’umsaa toonii 2 oliif dhorkaa ta’uu ibsamuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan to’annoo fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu, akkasumaas hojiin hubannoo uumuu gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera.

Haaluma kanaan konkolaattonni eeraman dhorkii kaa’ame cabsuun daandicharra kan imalan yoo ta’e, tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uun eerameera.

Daandicharra imaluun sa’aatii 24:00 dhorkaa ta’uu eeranii, magaalattiitti sochiin tiraafikaa dhaabbiin waan hinjirreef akka barbaachisummaa isaatti fooyya’uu yookaan itti fufuu akka danda’u akeekameera.

Konkolaattota hojiilee konistraakshiniif bobba’anii fi konkolaattonni buufataalee boba’aa gaaffii dhiyeessanii fi bakki hubannoo keessa galuun galgala sa’aatii 3:00 booda akka socho’an eeyyamni kennamuu akka danda’u ibsameera.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment