Finfinneetti biqiltuuwwan miiliyoona 17 dhabuuf qophiin xumuramuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan bilqiltuuwwan miiliyoona 17 dhaabuuf qophii xumuruu Biiroon Misoomaa Magariisaa fi Miidhaginaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ittaanaan Biirichaa Yimmenyushaal Taaddasaa akka ibsanitti, magaalattiitti waggoottan afran darban biqiltuuwwan miiliyoona 41 dhaabamaniiru.

Baranas biqiltuuwwan miiliyoona 17 dhaabuuf kutaalee magaalattii hundaatti hojiin boollaa qopheessuun gaggeeffamaa jiraachuu hiamniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa %20 mukkeen firiin isaani nyaatamu, %20 kan ta’u ammo miidhaginaaf kan oolanii fi kanneen hafan ammo mukkeen gaaddisaa ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment