Finfinneetti balaan ibiddaa giddugalaa gabaa Awaareetti ka’ee to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) –Kutaa magaalaa Yakkaa aanaa 6 bakka giddugalaa gabaa Awaaree jedhame beekamutti balaan ibiddaa ka’ee to’annaa jala ooleera.

Balaan ibiddaa kun halkan sa’aatii 10tti ka’uu ibsameera.

Balichi ogeeyyii Komiishini Hoggansa Sodaa Balaa magaalichaa, dargaggootaa fi poolisootan to’atamuu hoji raawwachiisaa kutaa magaalaa Yakkaa obbo Asfaaw Taklee dubbataniiru.

Ka’uumsi balichaa fi miidhaa balichi qaqabsiise poolisiin qulqulleessa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamtoonni kutaa magaalaa Yakkaa bakka balaan itti qaqqabeetti argamuun jiraattoota miidhaan irra ga’ee jajjabeesaniiru.

Balaa ibiddichaan miidhaan qaqqabbee qulqulla’aa jiraachuu ragaan Preesi Sekreeteriyaatii maagalaa Finfinneera arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment