Finfinneetti balaa tiraafikaan miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidaataatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun nama tokkoo yoo darbu, namoota lamarraa miidhaa cimaan qaqqabeera.

Balichi kaleessa galgala sa’aatii 2:30tti kan qaqqabeedha.

Balicha kan qaqqabsiise konkolaataa Ayisuuzuu ta’uu Daayrektarri Kominikeeshinii fi Quunnamtii Ummataa Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Ittaanaa Komandaraa Maarqoos Taaddasaa FBC’tti himaniiru.

Konkolaachisaan konkolaataa manaa umrii 38 lubbuun yoo darbu, hanga ammaatti odeeffannoo jiruun namoota lamarra balaa cimaan qaqqabuu fi konkolaattota 7 irra mancaatiin ga’uu ibsan.

Ka’umsi balichaas qoratamaa akka jiraachuu Komaandar Maarqoos ibsaniiru.

Feeveen Bishaawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment