Finfinneetti balaa abiddaa qaqqabeen hojjettoonni yeroo balaa tasaa 2 miidhaman

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) -Finfinneetti balaa abiddaa gaaraajii tokkorratti qaqqabeen hojjettoonni yeroo balaa tasaa 2 miidhaman.
 
Balaa abiddaa gaaraajicharra ga’een qabeenyi Birrii miiliyoona 2.5 olii barbadaa’era.
 
Balichi kan qaqqabe kaleessa galgala naannoo sa’aa 2:50, aanaa 6 Goofaa Gabreel jedhamee waamamutti.
 
Balicha ittisuuf hojjettoonni 71 bobbaafamaniit turan.
 
Isaan keessaa lamaan isaaniirratti miidhaa salphaan qaqqabeera.
 
Qabeenya Birrii miiliyoona 30 olii ammoo badii jalaa baraaruun danda’ameera.
 
Bishaan liitirri kumni dhibbi 2 fi kumni 50, ambulaansota dabalatee konkolaattonni yeroo balaa tasaa 12 hojiirra oolaniiru.
Comments (0)
Add Comment