Finfinneetti baazaarii fi egizibiishinii qopheessaan jira-Ejensicha

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Qaala’iinsa gabaa tibba ayyaanaa mudachuu malu tasgabbeessuuf Magaalaa Finfinneetti baazaarii fi egizibiishinii qopheessa jiraachuu Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa beeksise.

Hoggantuun Biirichaa Aadde Masarat Asaffaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, Magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti Hagayya 28, 2014 irraa eegalee baazaarii fi egizibiishinii kan banamu ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis, Hagayya 29, 2014 hanga Qaammee 5, 2014’tti giddugaloota akka Saarbeet, Jamoo fi Garjiitti waldaaleen bu’uuraa fi yuuniyeenoonni oomishaa addaa addaa ni dhiyeessu jedhan.

Jiraattonni Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, akkasumas hojjettoonni mootummaa oomishaalee gatii madaalawaan dhiyaatan bitachuun akka fayyadaman dhaamaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment