Finfinneetti adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2017 har’a ifatti eegalame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti adeemsi baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2017 har’a ifatti eegalameera.

Dhaabbilee barnootaa mootummaa fi dhuunfaa hunda keessatti bakka hoggansi Biiroo Barnootaa sadarkana jiru argamanitti adeemsi baruu fi barsiisuu kun eegalameera.

Barattoonni meeshaalee barnootaan ala Bilbila dabalatee meeshaalee biroo kanneen tajaajila barnootaaf hin fayyadne gara manneen barnootaa qabatanii seenuun dhorkaa ta’uu ibsamuu ragaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment