Finfinneetti abbootii carraa manneen waliin jireenyaa marsaa 13ffaa fi qonnaan bultoota misoomaaf kaafamanii walharka fuudhinsi furtuu gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Finfinneetti abbootii carraa manneen waliin jireenyaa marsaa 13ffaa fi qonnaan bultoota misoomaaf kaafamanii walharka fuudhinsi furtuu, kaartaa fi waaligaltee gaggeeffamera.

Bulchiinsi magaalicha sagantaa gaggeeffama jiruu irratti abbootii carraa mannee waliin jireenyaa kuma 51 fi 229 fi qonnaan bultoota misoomaafkaafamanii kuma 22 fi 915 wal harkaa fudhiinsi furtuu fi waaligalteen gaggeessa jira.

Walharkaa fudhinsii furtuu, kaartaa fi waliigalte kun har’aa kan eegalee yoo ta’u, abbootiin carraa fi qonnaan bultoonni misoomaaf kaafaman hanga Onkolooleessa 12, 2013tti walharka fudhiinsa ni gaggeessuu jedhameera.

Guyyaa har’as nammoonni abbootii carraa fi qonnaan bultoota kanneen keessaa filatamaan 100 itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee harka fuudhinsa kaartaa, furtuu fi waliigaltee gaggeessaniiru.

Daawwit Masfiintu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment