“Finfinneetti Aadaa fi Afaan Oromoo dagaagsuun filannoo osoo hintaane dirqama keenya” – obbo Kabbadaa Deessisaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Finfinnee keessatti aadaa, aartii fi Afaan Oromoo dagaagsuurratti xiyyeefatee hojjechaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksiseera.
Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa akka Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti himanitti, aadaa, aartii fi Afaan Oromoo baroota dheeraaf dagatamee ture fuulduratti tarkaanfachiisuu hojjetamaa jiraachuu jira jedhan.
Gosti Oromoo Finfinnee keessa jiraachaa turee fi aadaansaa qixa sirriin hubachuuf qorannoo bal’aan taasifameen Oromoon Warjii fi Oromoonni biroo aadaasaanii, keessattuu jaarraa 9ffaa kaasee Finfinnee fi naannawashee dhuunfatanii jiraachaa turuu adda ba’uu himaniiru.
sirnoonni darban Oromoo Finfinnee cabsuuf ummata Warjii gosa Oromoo akka hintaaneetti seenaa dharaa kalaquun hanga ammaatti gocha Finfinnee fi Oromoo adda dhiibuu raawwachaa turuu eeraniiru.
Oromoon Warjii waggoota hedduuf jeequmsa eenyummaa keessa akka seenuuf hojii bal’aan hojjetamaa turuu obbo Kabbadaan dubbataniiru.
Sabni guddaan kun dhiibbaa irra ga’een eenyummaa ofii dagachuu fi lagachuun, gama kaaniin duudhaan Oromoo fi Oromummaa Finfinnee keessatti wayita jiraatti awwaalamu, gama biroon ammoo dhiibamee akka ba’u taasifamuu qorannoon taasifame iftoomsuu himan obbo Kabbaddaan.
Dhimma eenyummaa fi abbummaan dabalata seenaa saamame deebifachuu yaadannoo lola Adwaa qooda gootota Oromoo ibsuuf Finfinneetti qophii guddaan taasifamuu eeraniiru.
Kabaja ayyaana irreechaa Finfinnee irratti Oromoo fi Finfinnee ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu mariin paanaaliitiin waggaa waggaan dhiyaachaa jiraachuu obbo Kabbadaan himaniiru.
Ilaalchi Oromoon guutummaatti Finfinneerra buqqa’eera jedhu, ilaalcha dogogoraa fi boru gaaffii Oromoo deebisuuf gufuu ta’uus eeraniiru.
Oromoo guutummaatti Finfinneerraa buqqa’e osoo hintaane, kan gariin hafee achumma keessatti liqimsame waan jiruuf akka isaan of hubataniif mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii guddaa gama aadaa, aariitii fi afaaniin hojjetaa akka jiru kaasaniiru.
Bu’uuruma kanaan manneen barnoota Afaan Oromoo, mana burumsaa aartii Oromoo fi galma aadaa Oromoo garaagara magaalatti keessatti dagaagsaa jiraachuu dubbataniiru.
Finfinnee labsiidhaan osoo hin taanee hojiidhaan, Oromoo fi waa’eensaa dhawaataan Finfinneetti cabe kan iddootti deebi’u ta’a jedhan.
Yeroo ammaa galmi uffata aadaa fi nyaata aadaa Oromoo calaqisiisuu itti yaadamee bakka wiirtuurratti hojjetamaa jiru jedhaniiru.
Hojiin kunneen Oromoo fi Oromummaa addunyaarratti muul’isuuf shoora guddaa qabas jedhan.
Finfinnee Oromoos ta’e warra kaan qixa sirriin keessummeessitu tolchuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jirachuu eeraniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment