Finfinneen qaama kamuu kan hin dhiibne magaala guddoo hunda keenyatti – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen jiraattoota sababa misooma Koriidariin kaafamanii manni jireenyaa haaraan kennameef daawwataniiru.

Aadde Adaanach jiraattoota kanneen daawwachuun deeggarsa garaagaraa taasiisaniifiru.

Finfinneen qaama kamuu kan hin dhiibne magaala guddoo hunda keenyatti jedhan.

Jiraattoota kanneeniif bu’uuraaleen misoomaa hafan yeroo gabaabaa keessatti kan guutamu ta’uu Aadde Adaanach waayita daawwannaa kana taasiisan himaniiru.

Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu, bakka ga’umsa turistootaa fi hawwattuu taasiisuuf waadaa galle gochuun agarsiisuu itti fufna jedhan Aadde Adaanachi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Jiraattoonni sababa misooma Koriidariin kaafaman mana jireenyaa fooyya’aa bu’uraalee misoomaa guutate argachuu isaaniitti gammaduu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment