Finfinneen hojii vaayrasii koroonaa adda baasuu mana manarraa eegaluufi

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee aanaalee hundatti torbee itti aanuu eegalee hojii vaayrasii koroonaa adda baasuu mana manarraa eegaluufi.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsa har’a laataniin akka beeksisanitti, hojichi aanaalee magaalichaa 117tti gaggeeffama.

Hojichaafis ogeeyyiin fayyaa muuxannoo qaban, sooroma ba’an waamicha taasifame fudhachuun bobbichatti ni makamu.

Kunis humna ittisaa dabalataa nuuf ta’eera jedhan Injiinar Taakkalaan ibsa isaanitiin.

Torbee dhufurraa eegalee barattootni bakka jiranitti barnoota kan eegalan ta’uu, baankiin nyaataa iddoo 1,200tti qophaa’uu fi dargaggoonni kuma 30 ta’anis hojichaaf qophaa’uu isaanii itti aanaan kantiibichaa eeraniiru.

Sagantichaan barattoonni kutaa 7 gadi jiran barnoota isaanii raadiyoon kan hordofan ta’a jedhan.

Barattoonni kutaa 7 hanga 12 jiran ammoo plaazmaadhan barnoota isaanii ni hordofu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment