Finfinneen Giddugala Dippiloomaasii taatee akka itti fuftu hunduu akka tumsu gaafatame

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC)- Walga’ii Gamtaa Afrikaan walqabatee Finfinnee Giddugala Dippiloomaasii taatee akka itti fuftu hunduu akka tumsu gaafatame.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ibsicha kan kennan Ministir Deetaan Tajaajilichaa Salaamaawiit Kaasaan, ayyaanonni amantaa sadarkaa biyyaalessaatti miidhaginaan kabajamanii xumuramuu ibsan.

Ayyaanonni kunneenis miidhaginaan karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf qaamolee deeggarsaa fi tumsaa taasisan, abbootii amantaa, dargaggoota, hordoftoota amantichaa fi qaamolee nageenyaa galateeffataniiru.

Sagantaalee biyyaalessaa akkanaarratti tumsi hawaasaa fi qaamolee nageenyaa mul’ates cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Gama biraatiin, Walga’iin Gamtaa Afrikaa Finfinneettii gaggeeffamuuf qophiilee barbaachisaan tasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan koreewwan garaagaraa hundeeffamuun qophiin taasifamaa fi hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Walga’icha milkaa’inaan keessummeessuuf, hawaasni, qaamolee nageenyaa waliin ta’uun, nageenya naannawaa isaa eeguun, Finfinneen giddugala dippiloomaasii ta’uu ishee itti fufsiisuuf tumsa barbaachisaa akka taasisu mootummaan waamicha dhiyeessa jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment