Finfinneen fakkeenyummaa hirmaachisummaa ta’uushee kan mul’istu miidhamtoota qaamaa fayyadamoo taasisuuni-Aadde Adaanech

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Finfinneen fakkeenyummaa hirmaachisummaa fi badhaadhina ta’uushee kan agarsiistuu miidhamtoota qaamaa fayyadamoo taasisuuni jedhan Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasumma isaaniin guyyaa qaamaa Miidhamtoota Addunyaa 31ffaa mata duree “Ifa, warra laphee ifaatiif” jedhuun sagantaa miidhamtootaa qaamaa jajjabeessuuf qophaa’e ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin warra laphee ifaa ta’ani garuu arguu hindandeenyeef, sagantaan dubbisaa fi qorannoof haala mijatoo uumuun hirmaachisummaa isaanii jajjabeessu gaggeeffamuu ibsaniiru.

Miidhamummaan qaamaa dadhabina osoo hintaane dandeettiiwwan uumamaa keessoo beekumsaan baasuuf carraa fi haalota mijatoo uumuu kan gaafatuudha jedhan.

Magaalaan Finfinnees fakkeenyummaa hirmaachistummaa fi badhaadhina ta’uushee kan mul’istu miidhamtoota qaamaa fayyadamoo taasisuu fi mijattuu akka taatuuf hojjachuuni jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment