Finfinnee, Sadaasa 11, 2014 (FBC)- Magaalaan Finfinnee diinota Ityoophiyaa diiganiif ibidda taatee gubaa kan jirtu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Aadde Adaanech ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Finfinnee diinota isheef kan hin nyaatamne buddeena abjuu, michoota isheef da’oo kan taate mana mijataa Ityoophiyaanotaa fi Afrikaanotaati jedhan.
Diinota ishee gubuu hawwanitti abbidda saafaa ta’uun taa’umsaa fi ka’umsa dhorkuu ibsaniiru.
Abjuun isaanii kan hin milkoofneefii fi bakka seenanitti kan awwaalaman ta’uu ibsaniiru.
Kutaa magaalaa fi aanaalee magaalichaa hundatti gurmaa’insa uummataa garaagaraa uumuunii fi leenjii ga’aa akka argatan taasisuun gara ergamaatti akka galan taasifamuu eeraniiru.
Gurmaa’iinsa nageenya uummataan yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramni qabataamaan argamuu fi yakkoonni hannaa hir’achuu ibsaniiru.
Humnoonni badii fi shororkeessaa gareen gurmaa’an karaa ba’iinsaa dhabuu fi loote seentonni qulqulleeffamaa jiraachuu eeraniiru.
hunduu hawwii qofa itti ta’uu ibsuun, gareen shororkeessaa ABUT, Shanee fi diinonni keenya karaa ba’umsaa dhabaniiru jedhan.
Finfinneen ammas xiyyeeffannoo ishee guutuun gootota gootomsuu fi nageenyaa fi tasgabbii ishee sadarkaa amanamaarratti eegsisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaaf ammoo gurmaa’insi uummataa gara hojiitti seenaa jiru caasaalee nageenyaa biroo waliin qindaa’uun nageenya amanamaa mirkaneessuu kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna