Finfinnee Magaalaa ammayyooftee fi sadarkaa idil addunyaatti dorgomtuu taasisuuf hojii keenyaa cimsinee itti fufna-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC)- Finfinnee Magaalaa ammayyooftuu sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomtuu taasisuuf hojii keenyaa cimsinee itti fufna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, pirojektoota guguddoo eegaluun xumuruu kan aadeffatte Finfinneen har’as misiraachoo haaraa jiraattotaaf labsuu himan.

Hojii misooma Kooriidarii Daandii Daalattii (Araat Kiiloo)-Qabbannaa- Embaasii Keeniyaa, misoomsuu fi faayuun hojiilee xumuramuun tajaajila jiraattotaaf banaa ta’an keessaa isaa 3ffaa ta’uu eeran.

Finfinnee akkuma maqaa ishee miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu, bakka hawataa tuuriizimii fi giddugala hawatummaa idil addunyaa taasisuuf waadaa galameen, daandilee imaltootaa miilaa mijataa, daandilee biskiliitii, naannawaa ka’umsaa fi ga’umsaa taaksii fi Awutoobisii Magaalaa, paarkiiwwan konkolaattotaa, naannawaa magariisaa, bakka haara galfii, bakka bashannana ummataa, ibsaalee sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruun magaalaa qulqullooftuu taasisuu ibsan.

Misooma kooriidarii naannawaalee hojjetamanitti geejjibaa saffisaa fi naannawaa jireenyaa mijataa uumuutti dabalataan, carraalee hojii haaraa beeksisuu fi sa’aatii 24 hojjechuun aadaa hojii babal’isuuf bu’uuraa ummataaf waadaa galmeen, sadarkaa idil addunyaatti magaalaa dorgomtuu taasisuuf hojiilee gaggeeffaman cimsanii kan itti fufan ta’uu akeekaniiru.

Pirojektoonni kunneen akka milkaa’aniif hordofii taasisuu, kanneen lafa isaanii misoomaaf gadi lakkisan, naannawaa jireenyaa isaanii jijjiiramee jiraattota magaalatti humna ta’an galateeffataniiru.

Finfinnee Magaalaa Misoomaa kooriidariin faayamte, tajaajila dijitaalawaan ammayyooftee, magaalaa jireenyaaf michuu taatee ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment