Finfinnee Giddugalaa Aadaa Oromootti baazaariin ayyaanaa baname

Finfinnee, Hagayya 28,2014(FBC)- Magaalaa Finfinnee mooraa Giddugalaa Aadaa Oromootti baazaariin ayyaanaa baname.

Baazaarichi Itti Gaafatamaa waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Mogas Ida’eefi Hoggantuu Ejansii baballina waldaalee hojii gamtaa Oromiyaa aadde Masarat Asaffaan banamuu ibsameera.

Baazaariin Ayyaanaa kun hanga qaammee 5tti kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Baazaaricharratti Yuuniiyanoonni 80 hirmaachuufi  oomishaalee Fuduraafi kuduraa, Buna, Dammaa, re’ee hanga Sangaatti dhiyaatee gatii madaalawaan dhiyaachuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment