Finfinnee fi naannawaasheetti hokkara uumuuf kanneen socho’aa turan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti hokkaraa fi jeequmsa uumuuf kan turan humnoonni farra nageenyaa to’amnoo jala oolfamuu Humni Waloon Tikaa fi Nageenyaa beeksise.
 
Humni walochaa gamaaggama gaggeessee tureen yaaddoo jiru hir’isuuf Finfinnee fi naannawaa isheetti oppireeshinii qindaa’aa gaggeesseen bu’aa qorannoo meeshaalee waraanaa fi shakkamtoota to’atamanii ummataaf akka ifoomsu beeksisuun kan yaadatamuudha.
 
Haaluma kanaan, yeroo ammaa Naannoo Oromiyaatti tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatamaa jiruun Finfinnee galanii gochaa shororkeessummaa raawwachuuf kan socho’aa turan miseensota garee shororkeessa shanee 107, haleellaa raawwachuuf kan fayyadaman meeshaalee waraanaa fi uffannaa caasaalee nageenyaa waliin to’annoo jala oolfamuu ibsameera.
 
Haaluma walfakkatuun gareen finxaaleyyii Faannoo paartilee siyaasaa tokko tokko da’eeffachuun Magaalaa Finfinnee giddugala hokkaraa fi jeequmsaa taasisuuf waraqaa eenyummaa sobaa qabachuu fi gaaffiilee manneen barnootaatti ka’an kallattii maqsuun kaayyoo gochaa isaaniif fayyadamuun, sabaa fi sablammoota magaalatti walitti buusuu fi hokkaraa fi jeequmsa uumuuf akkasumaa haleellaa meeshaalee waraanaan deeggarame raawwachuuf kan socho’aa turan miseensota garechaa 109 meeshaalee waraanaa itti fayyadamanii fi uffannaa caasaalee nageenyaa waliin to’atamuun ibsameera.
 
Gama biraatiin meeshaalee waraanaa fi meeshaalee waraanaa sagalee hinqabne fayyadamuun namootarraan miidhaa geessisuun saamicha raawwachuuf hawaasa kan yaaddessanii fi gamsiisan shakkamtoonni 155 meeshaalee saaman, meeshaalee itti fayyadamanii fi miiltoo hidhata isaanii waliin to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu humni walochaa ibseera.
 
Nageenya Magaalaa Finfinnee fi naannawaa ishee mirkaneessuuf Humni Walochaa ummata waliin qindoominaan oppireeshinii gaggeesseen waliigalaan shakkamtoota 371, meeshaalee itti fayyadaman waliin to’achuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.
 
Humni walochaa tumsa ummanni taasiseef galateeffachuun ayyaana ummataa fuulduratti kabajamu Ayyaanni Cuuphaa Magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyattiitti ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramu qaamolee nageenyaa bobbaasuun qophii barbaachisaa xumuruun hojiitti seenuu ibseera.
 
Ayyaana kanarratti hawaasni yeroo kamuu caalaa qaamoleen nageenyaa waliin tumsaan akka hojjetan waamicha dhiyeesseera.
 
Hawaasni gochaalee hokkaraa fi shororkeessummaa hubachuun eeggannoo dursaa barbaachisaa akka taasisuu fi haalonni shakkisiisoon wayiita quunnaman bilbila bilisaa 987, 991 fi 816’n akkasumaa sarara bilbilaa 011-1-11-01-11, 011 5-52-63-03, 011 5-52-40-77, 011 5-54-36-78 fi 0115-54-36-81 eeruu fi odeeffannoo akka kennuu gaafateera.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment