Finfinnee, Waxabajjii 7, 2013 (FBC) – Biiroon Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee dhaabbilee fi qooda fudhattoota hojiilee misooma ijaarsaa keessatti ga’ee olaanaa qabaniif beekkamtii laateeera.
Dhaabbilee ijaarsaa fi qooda fudhattoota damee ijaarsaa hojiilee misoomaa keessatti ga’ee olaanaa qabaniif bakka itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee argamanitti sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.
Magaalaa Finfinnee fakkeenya Badhaadhinaa Ityoophiyaa taasiisuuf qaamni nu daangeessuu hin jiru jedhan aadde Adaanach.
Magaalichaatti Proojektoota gurguddoo eegalaman 7 keessaa guyyaa kaleessaa Proojektiin Addabaabayii Masqaalaa hanga Mana Qopheessaa eebbifamuu eeraniiru.
Waliigala akka magaalichaatti Proojektoonni kumni 2 fi 500 hojjetamanii xummuramuu aadde Adaanach haasawa saganticharratti taasiisaniin ibsaniiru.
Baajata waliigala bara kana qabame Birii biiliyoona 61 keessaa biiliyoonni 33 Proojektoota garaagaraaf ooluu ibsaniiru.
Qaamoleen Proojektoonni kunneen akka xummuraman qooda qaban jajjabeeffamuu fi galateeffamu qabu jechuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muuli’sa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.