Finciltoonni Huutii Dirooniin Doonii haleeluu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2016 (FBC) –Finciltoonni Huutii Yeeman keessa socho’an har’a Xiyyaara nama maleessaan Doonii Galaana Diimarra imalaa turte haleeluu ibsameera.

Waraanni Humna Galaanaa Ameerikaa naannawicha to’achaa ture naannawicha gadi lakkisuu hordofee Finciltoonni Huutii haleellaa kana raawwacnuu ibsameera.

Doonii meeshaalee Daldalaa murteessoo Ardii Eeshiyaa, Giddu galeessa Bahaa fi Gabaa Awurooppaaf oolaan feetee imalaa turte haleeluun miidhaa irraan qaqqabsiisuu ibsameera.

Finciltoonni kunneen Buufata qarqara magaalaa Hoodeeydaatti argamtutti haleellaa kana raawwachuu Giddu galli Oppireeshinii Daldala Galaanaa Ingiliiz beeksiseera.

Doonii meeshaalee feeterra miidhaan qaqqabuu fi namarra miidhaan qaqqabe kan hin jirre ta’uu ibsuu ABC News gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment