Filatamtoonni Miseensa Mana Maree haaraa ta’uun filataman sirna waadaa galuu raawwatan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC) – Filannoo irra deebii fi haftee naannoleetti gaggeeffameen filatamtoonni Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uun haaraa filataman sirna waadaa galuu raawwataniiru.

Filannoo irra deebii fi Haftee marsaa 6ffaaWaxabajjii 16, 2016 naannoo Beenishaanguula Gumuz, Afaar, Somaalee fi Giddugaleessa Itiyoophiyaatti gaggeeffameen kanneen miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uun Filataman har’a Bakka Af Yaa’iin Mana marichaa Obbo Taaggasee Caafoo fi Waamamaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen argamanitti waadaa galuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment