Filannoon Pireezidaantummaa 4ffaan Somaaliilaanditti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 4, 2017 (FBC) –Filannoon Pireezidaantummaa 4ffaan Somaaliilaanditti gaggeeffamaa jira.

Filannoon Pireezidaantummaa lammiilee biyyaattiif murteessaa ta’uu filattoonni ibsaniiru.

Nageenyaa, Misoomaa fi tokkummaa isaaniif murteessaa ta’uus dubbataniiru.

Bara faranjootaa 2021 gaggeeffamuu kan ture filannichi, sababoota garaagaraan waggoottan lamaaf turuun ibsameera.

Filannoon har’a gaggeeffamaa jirus paartiilee sadii gidduutti ta’uun eerameera.

Filannichi Pireezidaantii yeroo ammaa Musee Biihii Abdiin kan durfamu Paartii Nageenyaa Tokkummaa fi Misomaa,Paartii Biyyaalessaa Somaaliilaandii fi Paartii Haqaa fi guddinaa gidduutti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Filannichi naanoolee 6 keessatti buufataalee filannoo kuma 2 fi 648tti gaggeeffamaa jira.

Filannicharratti lammiileen miiliyoonni 1fi kumni 200 ol sagalee isaanii kennaa jiraachuun ibsameera.

Taarikuu Laggasaa, Hargeessarraa

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment