Finfinnee, Waxabajjii 20, 2013 (FBC) – Filannoon marsaa 6ffaan karaa nagaa fi bifa diimookiraatawaa ta’een xumuramuun injifannoo seenaa qabeessa galmaa’e ta’uu Paartileen Siyaasaa Oromiyaa ibsan.
Paartileen Siyaasa Oromiyaa keessaa waltajji Maree waliinii Raawwii Filannoo Biyaalessaa Marsaa 6ffaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Filannoo biyyaalessaa Marsaa 6ffaa guutuu biyyaatti gaggeeffame milkiin xumuramuu himaniiru.
Akka Naannoo Oromiyaatti raawwiin ture rakkoolee muraasan ala dimokiratawaa,haqa qabeessa fi uummata biratti fudhatamumma qabaachuu eeraniiru.
Filannoo biyyoota Afrikaaf fakkeenya olaanaa ta’uu danda’uudha jedhan.
Filannichi karaa nagaan akka xumuramu waltajiin Maree paartilee siyaasaa Oromiyaa filannoon duraa fi wayita filannoo gumaacha olaanaa taasiisuu Paartileen Siyaasaa kunneen himaniiru.
Paartileen miseensa waltajjii waliinii kun bu’aa filannoo boordiin filannoo biyyaaleessaa fuuladuratti ibsu gammachuun kan fudhatan ta’uu ibsaniiru.
Filannoo Waxabajjii 14/2013 gaggeeffameen Ityoophiyaan injifachuu dandeesseerti jedhan Paartileen siyaasaa kunneen.
Haymaanoota Iyyaasuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.