Filannoon Marsaa 6ffaa bara kana taasifamuu karaa nagaa qabeessaan akka tahu Koreen Raawwachistuu Nageenya Filannoo Federaalaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 26, 2013 (FBC) – Filannoon Marsaa 6ffaa bara kana taasifamuu karaa nagaa qabeessaan akka tahu Koreen Raawwachistuu Nageenya Filannoo Federaalaa beeksiseera.
Hooggantoonni naannoolee Sadarkaan jiran xiyyeffannoo itti kennuun hojjechuu akka qanis korichi ibseera.
Koreen Raawwachistuu Nageenya Filannoo Federaalaa kun dhaabbilee mootummaa garagaraa keessaa qaama walitti dhufeen kan hundaa’e fi kaayyoon isaa filannoo bara kaan gaggeeffamuu karaa nagaan akka adeemsifamuuf taasisuudha jedhame.
Koriichi bakka bu’oota Naannoolee fi bulchiinsaa magaaloota waliin haala nageenya filannoo waliin walqabatee qorateera.
Gorsaa Nageenyaa Ministira Muummee fi Walitti Qabaan Koriicha obbo Gadduu Andaargaachoo, adeemsi filannoo hanga ammaatti taasifamaa jiru nagaa qabeessa ta’uu himaniiru.
Yeroo ammaa kana meeshaalee filannoo karaa nagaan geejjibifamuun iddoo buufata filannoottis eegumsi barbaachisaa tahe taasifamaa jirachuuu himaniiru.
Rakkoolee galmee kaadhimamtootaa seeraan keessumeessuu mul’achaa akka ture himun, gara fuula durattis xiyyeeffannoon akka hojjatamuu himaniiru.
Ministirrii Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi Walitti Qaba Itti Aanaan Koriicha Dooktar Qaana’aa Yaadataa, waajjiralee filannoo banuu fi meeshaalee filannoo geejjibsifamuufi galmeen kadhimamtootaa karaa milkaa’a ta’een xumuramuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment