Filannoon karaa nagaan gaggeeffamaa jira -Koomishinii Poolisii naannoo Hararii

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiru karaa nagaan gaggeeffamaa jiraachuu Komishinii Poolisii naannoo Hararii beeksiseera.
Filannichi nagaan akka xumuramuuf humni nageenyaa ga’aan ramadamuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Nasrii Zakariiyaa ibsaniiru.
Adeemsa filannoo hanga ammaatti jiruun rakkoon muudate kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.
Uummanni sagalee isaa tasgabbiin akka laatu waamicha dhiyeessaniiru.
Komishiniin poolisii naannichaa filannoon nagaan akka xumuramuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa naannichaa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Iyoonaadab Andu’aalamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment