Filannoon kaadhimamtoota Komishinarootaa sabdaneessuummaa Ityoophiyaa akka hammatu yaallameera – Obbo Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Adeemsa kaadhimamtoota Komishinaroota maree biyyaalessaa filachuuf adeemame keessatti sabdaneessuummaa Ityoophiyaa akka hammatu tattaaffiin taasiifamuu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon ibsan.

Komishinaroonni itti gaafatamummaa seenaa qabeessa kanaaf kaadhimaman tokkummaa biyyaa fi marii sababawaa taasiisuuf dhimmoota murtoo biyyaalessaaf barbaachisan adda baasuun hojjechuu akka qaban obbo Taaggasee Caafoon ibsame.

Haalli hirmaannaa sabaa, ilaalcha siyaasaa, hirmaannaan koorniyaa fi dargaggootaa maal akka fakkaatu ilaalchisee mariin bal’aan taasiifamuu ibsameera.

Waltajjii kanarratti Abbootiin Amantaa, Waldaaleen Siiviikii, miseensonni Paaryilee siyaasaa fi Jaarsoliin biyyaa hirmaachuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment