Filannoon gaggeeffame haqa qabeessaa fi diimookiraatawaa ture – Waldaalee Siivilii Oromiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Filannoon gaggeeffame haqa qabeessa, diimookiraatawaa fi hawaasa biratti fudhatama qabaachuu Waldaaleen Siivilii Oromiyaa Beeksise.
Waldaa Dubartoota Oromiyaa,Waldaan Dargaggoota Oromiyaa fi Federeeshiniin Dubartoota Oromiyaa waliin ta’uun miidiyaaleef ibsa kennanin filannoon marsaa 6ffaa bara kana gaggeeffamee diimookiraatawaa,bilisa, haqaa fi hawaasa biratti fudhama qabaachuu ibsaniiru.
Waldaaleen kunniin eeyyama boordii filannoo irraa argataniin Naannoo Oromiyaattii taajjabdootaa fi qindeessitoota hirmaachisaa turaniiru jedhame.
Filannichi nagaan akka xumuramuuf dargaggoota kuma 13 fi 892 hirmaachisuu Preezdaantiin waldaa dargaggoota Oromiyaa Obbo Kadiir Indaalkaachow ibsaniiru.
Filannicha milkeessuuf ga’een dubartootaa ol’aana qabu ture jedhameera.
Filannoo bara kana geggeeffame irrattis filattootni naamusan nama isaan bakka bu’u akka filataniif nagaan akka raawwatamuuf hojiin bal’aan hojjetamuu hojjetamuu Pirezedaantiin Waldaa Dubartoota Oromiyaa Aadde Shitaayee Dassaalee himani jiru.
Taajjabdoota fi qindeessitootaa kuma 9 fi 889 qopheessun buufataalee filannoo hundatti raabsuu Preezdaantiin Federeshini Oromiyaa Aadde Askaalee Lammaa himuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment