Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaan milkiin akka xumuramu ga’een kutaalee hawaasaa olaanaa ture – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Yaa ‘ii Idilee Caffee Oromiyaa gaggeeffamaa jirurratti argamuun haasaa taasisaniiru.
Filannoon baranaa milkaa’ina olaanaadhaan akka goolabamuuf ga’een caasaa nageenyaa, dargaggoota, hawaasa baadiyyaa fi magaalaa olaanaa kan ture ta’uu himaniiru.
Qaamolee milkaa’ina filannichaaf qooda ba’an hunda galateeffataniiru.
Bara kana proojeektoota kuma 11 fi 1 Birrii biiliyoona 31.7n hojjatamanii tajaajiilaaf banaa ta’uu himaniiru.
Xumura bara 2013 uwwisni bishaanii %76.42 ga’eera.
Qabeenyi daandii naannoo Oromiyaa dhuma bara 2012 Kiiloomeera Kuma 55 fi 911.3 ture dhuma bara 2013 gara kuma 57 fi 721 ol guddisuun danda’aameera jedhan.
Manneen barnoota ifa Boruu sadarkaa 2ffaa 59 xumuramanii eebbifamanii hojiif qophii ta’uu eeraniiru.
Kan hafan 41 hanga ji’a Fulbaana 2014 ni xumuuramu jedhan.
Manneen barnootaa ifa Boruu bultii addaa 7 jalqabaman ijaarsii isaanii %76 irra ga’uu ibsaniiru.
Lammiilee miiliyoona 1.4f carraan hojii uumamuu eeraniiru.
Bara 2013 lafti hektaarri miiliyoonn 3.7 qotamuu dubbataniiru.
Oomisha qamadii marsaa lamaan hektaara kuma 382 irratti misoomeerraa marsaa jalqabaan kuntaalli miiliyoonni 4.8 argamuu kaasaaniiru.
Marsaa 2ffaan sassaabbamaa jiraachuu ibsaniiru.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment