Filannoon biyyaaleessaa fi Naannoleetti gaggeeffamu nagaa fi demookiratawaan akka xummuramuuf qophii ta’uu qaamoleen nageenyaa naannoolee daangaa ollaa Bahaa biyyittii ibsan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC)- Filannoon biyyaaleessaa fi Naannoleetti gaggeeffamu nagaa fi demookiratawaan akka xummuramuuf itti gaafatamummaa isaanii bahuuf qophii ta’uu qaamoleen nageenyaa naannoolee daangaa ollaa Bahaa biyyittii ibsaniiru.
Qaamoleen nageenya kunniin kutaa biyyaatti Bahaa keessaatti nageenya amansiisaafi walitti fufiinsa qabu uumuuf hojilee hojjetan ciminaan hojjechuuf Magaalaa Dirree Dhawaatti mari’ataniiru.
Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa akka gabaasetti, Itti gaafatamaan damee Nageenyaa fi Haqaa Naannoo Afaar obboo Mahammad Awaal filannoo gaggeeffamu jedhu karaa nagaa fi seera qabeessaan akka gaggeeffamuuf qophiin xumurameera jedhan.
Itti gaafatamaan Damee Nageenyaa fi Haqaa Naannoo Suumalee Abdullahi Ahimad gama isaaniin filannoon gaggeeffamuuf jedhu karaa nagaan akk axumuramuuf qaamolee haqaaf leenjii kennuu ibsuun, meeshaalee filannoof oolan gara buufata filannoo adda addaatti akka ergaman hojiin nageenya barbaachisu hojjetamaa jira jedhan.
Komishinarri Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Alamuu Magiraa filannoon gaggeefamuuf jedhu karaa nagaafi dimookiratawaan akka gaggeeffamu qaamoleen nageenya sadarkaa sadarkaan jiraniif leenjii gahaan kennameera jedhan.
Komishinarri Poolisii Naannoo Hararii Ataaham Abdii gama isaaniin rakkoo nageenyaa naannichaatti darbee darbee muudatu ittisuun yeroo ammaa nageenyi uumamuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment