Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Waajjirri Muummeen Ministiraa filannoo marsaa 6ffaa ilaalchisee ibsa laateera.
Filannoon baranaa gaaffilee ummataa daandirraa gara Paarlaamaatti kan fudhatu ta’uu ibseera.
Filannoo baranaan rakkoowwan barootaaf turan kan itti hiikkatan ta’uu dagatamuu hin qabu jedhame.
Ityoophiyaatti gaaffii ummattootaa karaa diimookiraatawaa ta’een deebisuun hin danda’amne ture.
Gaaffiin siyaasaa karaa duubatti hafaa fi meeshaa waraanaan deebi’aa tureera jedha ibsi waajjirichi har’a baase.
Barattoonnii fi hayyoonni Ityoophiyaa biyyaatti sadarkaa fooyya’aarran ga’uu danda’an hedduun cubbuun ajjeeffamaa turaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa bareeta dheeraaf ijaarramaan guyyoota muraasa keessatti barbadaa’anis gaaffiin ummataa sirnaan deebi’uu hin dandeenye.
Sababni isaa dhaabbileen siyaasaa hedhannoo filachuun gaaffiin ofiin of bulchuu har’uma yoo hin deebine jedhu, gama biroon magaalaatti humnoonni riphee lolalaa mootummaan ummataa har’uma ijaarramuu qaba jechuun falmaa turan.
Filannoon bara 1997 gaaffii ummataa gara kaardiitti kan deebise ta’us adeemsi isaa haalaan guduuffamuu dhabuun bu’aan isaa jeequmsa daandirraa dhaleera.
Mormiin biyya keessaa miidiyaa hawaasummaa biyyoota alaa taasiifamuun deeggaramuun daandiitti ba’e wareegama lubbuu lammiilee hedduuf sababa ta”eera.
Kunis gaaffiin ummataa sirnaan deebii argachuu dhabuu isaan.
Seenaa Ityoophiyaa keessatti sagaleen ummataaa garaagaraa paarlaamaa keessatti dhaga’amee hin beeku.
Biyyoota guddatan keessaatti sagaleen ummataa kan dhaga’amu daandirratti osoo hin taane mana maree keessatti.
Murtoon ummataa fi biyyaaf fayyadus daandirratti osoo hin taane mana maree keessatti.
Murtoon darbus ummata biratti fudhatama argata.
Kanaaf filannoo sirrii fi haqa qabeessa sagaleen ummataa itti kabajamu gaggeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetama.
Ityoophiyaattis filannoon barana gaggeeffamu biyyattiif carraa gaarii kan uumuudha.
Karaa milkaa’ina qabuun gaggeessuu yoo dandeenye gaaffii ummataa daandirraa gara Paarlaamaatti, bosona keessaa gara maritti ni deebisa jedhamee kan amanameedha.
Paartiin sagalee ummataa olaanaa argate mootummaa hundeessa, kanneen hafan hanga argataniin paarlaamaa keessatti teessoo argatu.
Kana jechuun Ityoophiyaatti boqonnaan diimookiraasii haaraan ni banama jechuudha.
Murtoon carraa biyyaa murteessan qaama muraasaan hafee yaadaa sabdaneessaa keessummeessuun kan murtaa’u ta’a.
Filannoon kun akka milkaa’uuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhamu waajjirichi ibsa isaan kaasaara.
Seenaa keessatti Boordii Filannoo siyaasa kamiiyyuurra bilisa ta’e yeroo jalqabaaf hundaa’uun isaan qaamni hundi ni amana.
Yaa ta’uutii hundi keenya kaardii fudhachuun qaama bakka nu bu’u yoo hin filanne bu’aan argamu hin jiru.
Biyyi keenyas caalmaatti rakkoo keessatti kufti.
Dhiibbaan birmadummaa biyyattii qoro biyyoota alaarraa yaallamaa jira, gama biroon qaala’iinsi jireenyaa fi weerarri vaayrasii koroonaa rakkoo biraa ta’eera jedha ibsichi.
Dhimmoota kana hundaaf filannoon barana gaggeeffamu deebii kan laatu ta’uu hubachuun barbaachisaa ta’uusaa Waajjirri Muummuu Ministiraa eereera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.