Filannoo waliigalaa Biriitaaniyaan Paartiin ‘Labour’ injifate

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC) – Filannoo waliigalaa Biriitaaniyaanitti gaggeeffame paartiin ‘Labour’ sagalee olaanaa argachuun injifate.

Filannoo kana irratti paartiin ‘Labour ‘ol aantummaa paartii Konzervaatiiviin waggoota 14 qabatee ture cabseera.

Sir Kiir Istaamer dursaan paartii Labour Ministira Muummee Biriitaaniyaa haaraa ta’uun ni filatamuun eegama.

Paartii Konzervaatiiv irraa waggoota 14 keessatti namootni adda addaa 5 biyyattii gaggeessaniiru.

Riishii Sunaak filannoo kana irratti paartiin isaanii mo’amuu amanuun, Sir Kiir Istaameriin baga gammadde jedhaniiru.

Paartii Labour teessoo Paarlaamaa biyyattii 650 keessaa teessoo 380 argachuun filannicha injifateera.

Paartiin Konzervaatiivii ammoo teessoo 92 argachuun waggoota 200 keessatti sagalee xiqqaa argachuun injifatameera.

Ministirri Muummee biyyattii Riishii Suunaak bakka dorgoman Yoorkishaayer keessatti sagalee kuma 12 argachuun mo’ataniiru.

Kanaaniis Suunaak teessoo paarlaamaa argataniin miseensa Paarlaamaa ta’anii kan itti fufan ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment