Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Filannoo preezdantummaa biyya waraanan dararamaa turte Siiriyaatti gaggeeffameen Al-Asaad yeroo 4ffaaf preezdaantii biyyattii ta’uuf injifatan.
Af-yaa’iin paarlaamaa biyyattii ibsa miidiyaaleef kennaniin al-Asaad sagalee %95.1 argachuun injifachuu fi namoonni sagalee laatan %78.6 ta’uu eeraniiru.
Filannoo preezdantummaa Siiriyaa naannolee bulchiinsa mootummaa jala jiran keessatti gaggeeffameen, preezdaantiin biyyattii Bashir Al-Asaad yeroo 4ffaa waggoota torbaaf aangorra turuuf moo’ataniiru.
Al Asaad morkattoota beekkamtii gadi aanaa qaban lama Abdullaah Saaloom Abdullaah fi Mohaamuud Ahimeed Maari jedhaman waliin morkataniru.
Abdullaah Saaloom Abdullaah sagalee %1.5, Mohaamuud Ahimeed Maari ammoo sagalee %3.3 argatan.
Mormitootni filannichi fudhatama hin qabu jedhaniiru.
Ameerikaa fi warri Awurooppaa ammoo filannichi bilisaas haqa-qabeessas miti jedhaniiru.
Asaad sagalee wayita kennan yaadni warra Lixaa ‘zeerootti’ lakkaawama jedhan.
Waraana Siiriyaa bara 2011’tti eegaleen hanga ammaatti lubbuu namoota kuma dhibba 3 fi kuma 88 ol ta’an galaafateera.
Walakkaan uummata biyyattii ammoo biyyaa bahuuf dirqamaniiru.
Bashir Al-Asaad aangoo abbaa isaanii bara 2000 erga dhaalanii waggoota 21 darbaniif aangoorra turaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.