Filannoo nageenyaa mootummaan dhiyeesse hojiirra oolchuun Ityoophiyaatti nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuun barbaachisaadha- Hoggantoota duraanii

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Filannoo nageenyaa mootummaan dhiyeesse hojiirra oolchuun Ityoophiyaatti nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu  Hoggantoonii duraanii Ityoophiyaa ibsan.

Ityoophiyaan ofiisheerra darbitee abukaatoo nageenyaafi tasgabbii naannawichaa ta’uu Pirezdaantiin FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaa fi Muummeen Ministiraa duraanii Obbo Hayilamaariyaan Dassaalany yaadachiisaniiru.

Dooktar Mulaatuu Tashoomaan, Ityoophiyaan biyyoonni Afrikaa akkasumas biyyoonni ollaashee walitti bu’iinsarra nageenyi kan barbaachisuun  ta’uu ejjennoo ishee ibsaafi turuu yaadachiisuun, gama kanaan rakkoo yeroo ammaa ishee mudate furuun gara nagaatti akka deebitu taasisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan murtoo filannoo nageenyaa dabarsuun kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany gamasaaniin, murtoon nageenyaa mootummaan hordofe Ityoophiyaaf dhimma filannoo hin qabne ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

Ityoophiyaatti nageenya amansiisaa fiduuf Ityoophiyaanota hundarraa ga’ee olaanaan kan eegamu ta’uu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment