Filannoo marsaa 6ffaa bilisaa fi amanamaa taasiisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa haqa qabeessa, iftoomaa, amanamaa fi nagaa taasiisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.
Filaannoo biyyaalessaa osoo hin gaggeessin dura Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa fi Seenaataroonni Ameerikaa filannoo haqa qabeessa, iftoomaa, amanamaa fi nagaa taasiisuuf yeroo filannoo dheereessuun jijjiirramni bu’uuraa akka gaggeeffamu gaaffii barreeffamaan dhiyeessan ilaalchisee Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaan deebii laateera.
Filannoo marsaa 6ffaa Caamsaa 28, 2013 gaggeeffamuuf jalqabaa eegalee Paartileen siyaasaa fi qooda fudhattoonni biroo hirmaannaa hoo’aa taasiisaa turuu Boordichi xaalayaa barreesseen ibseera.
Paartileen siyaasaa beekkamtii seeraa qaban 49 keessaa 48 kaadhimamtoota kuma 9 dhiyeeffachuu fi dhaabbileen Siiviikii hawaasaa biyyaalessaa 190 ol filattootaaf hubannoo laachaa jiraachuu himeera.
Dhaabbileen biyya keessaa 32 filannicha taajjabuuf eeyyama fudhachuun hojjechaa jiraachuus ibseera.
Hojii filannoo gaggeessuuf guutuu biyyattiitti raawwachiiftoonni kumni dhibbi 1 ol socho’aa jiraachuu boordichi beeksiiseera.
Rakkoolee filannoo kana dura gaggeeffaman keessatti muul’atan maksuuf hojiileen dandeessisan hojjetamuus himeera.
Yeroo ammaa filannoo gaggeessuuf riifoormiin haaraan biroo akka taasiifamu yaadni dhiyeete baasii, yeroo fi dhimmoota biroon walqabatee adeemsa filatamu akka hin taane ibseera.
Yaa ta’uutii filannoo gaggeessuuf riifoormii filannoo hanga ammaatti hojjetame caalmaatti cimsuun qooda fudhattoonni hundi seeroota filannoo kabajuun hirmaannaa isaanii akka cimsan boordichi gaafateera.
Mootummaan Ameerikaa ce’umsa diimookiraasii Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu cimsuuf deeggarsa hunda galeessa gama ‘USAID’ taasiise boordichi galateeffateera.
Sirni diimookiraasii Ityoophiyaatti akka dhugoomu deeggarsi ummataa fi Mootummaa Ameerikaa cimee akka itti fufu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa xaalayaa barreesseen waamicha dhiyeesseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment